ONM-ABO Sadaasa 1, 2023
Waraana humnaan ijaaranii ilmaan Oromoo irratti leenjisuun dhiitanii bulchuuf rafanii Kan hin bulle leellistootni Minilik, tarsiimoo badii Oromoo fi Oromiyaa irratti baasaniin rasaasaan waadanii ajjeesuu cinatti humnaan adda waraanatti erguun beenyaa tokko malee lubbuu obbaasaa oolu.
Haaluma kanaanis Torbee darbe baha Wallaggaa aanaa waamaa Agaloo ganda Gossanii Baabboo jedhamutti dargaggootaa fi abboota maatii Kan baay’inni isaanii 10 ol ta’aan dirqamaan qabuun leenjii milishummaa isiniif laanna, akkaataa isin ajajnee fi dirqama paartii badhaadhinaa fudhachuun bobbaatu yeroo jedhanitti namoota hojii kana hin feenu jedhan reebicha irratti raawwachuun akka hidhan maddeen dubbatu.
Heeraa fi seerotni impaayerri Itoophiyaa baafattee jirtu namni Kam mirga yaada isaa ibsachuu, paartii isaaf ta’u filachuu fi mirgoota namoomaa fi dimookiraasii akka qabu Kan ibsu yoo ta’u, garuu yeroo ammaa mirgootni Kun cufti sarbamuun sababa gaaffii gaafachuun yaada hojii milishummaa hin hojjennu jedhanii morman qofaaf namoonni hidhamanii dararamaa jiran Darajje Ayyanaa, Abdii Lamma, Abdisaa Fayyisa, Rabbumaa mitikkuu, Ayyaanaa Bultii, Lamma Tarfaa, Fayyisaa Dabalaa fi Mitikkuu Sirrataa kanneen jedhaman dabalatee namootni hedduun akka hidhamanii jiran baramera.

