Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP abbaa maatii tokkoo haala suukanneessaan rasaasa itti roobsuun ajjeesan

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Oromiyaa keessatti namootni siyaasa keessaa qooda hin qabne saala, Umurii fi sadarkaa barnootaan osoo adda hin fuudhamin barjaa maqaa WBOtin Murni Bilxiginnaa itti maxxanseen yakkamuun adaba seeraa fi balleessaa tokko malee dabarfamanii du’atti kennamaa jiru.

Abbaan maatii Efireem Fufaa jedhamu kan hojii qonnaa hojjechuun ofii fi maatii isaa jiraachisu  waraana naamusaa hin qabnee fi maaliif akka meeshaa baatan hin beekneen Onkoloolessa 31, 2023 Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo ganda Caffee Likkii jedhamu keessatti ija maatii isaa duratti haala suukanneessaan ajjeefamuu jiraattotni dubbatu.

Ajjeechaan nama kana irratti raawwatame kunis jiraattota ganda Caffee Likkii kan gaddisiise yoo ta’u, ilaalchi hidhattootni kolonel Abiy Ahimed uummata nagaa lafa irraa duguuguuf qabatanii bobba’aanis jibba isaan Oromummaaf qaban calaqqisiisa jechuun ONMtti himan.

Exit mobile version