Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Harargee lixaa aanaa Gammachiis keessatti waraannii PP hordoftoota amantaa Isilaamaa masjiidatti ol itti seenuun reebuunii fi aanaa Bookee Xiqqoo keessatti hidhaa fi reebichi jabaachuun dhaga’aame 

ONM-ABO Sadaasa 6, 2023

Impaayera uummanni Oromoo keessatti gidiraa argaa jiru Itoophiyaa keessatti mirgootni namoomaa fi mirgootni amantaa sarbamuun, bakka namootni waaqa (Rabbii) itti galateeffachuuf ba’aanitti waraanni kabajaa fi naamusa hin qabne Kanneen Koloneel Abiy Ayimadiin bobbaafaman dhiibbaawwan gurguddaa geggeessaa jiru.

Haaluma kanaanis torbanoota 2n darban irraa eegalee dhiibbaan maqaa isin deggertoota WBOti jechuun amantoota Isilaamaa godina lixa Harargee aanaa Gammachiis araddaa Eela Odaa  ganda Gola Burqaa keessatti karaa Waraana maafi’aa PPn raawwatamaa jiru ulfaataa ta’uutu himama.

Akka maddeen jedhanitti bakka amantootni sagadaa jiranitti isin deggertoota WBOti jechuun milishootaa fi waraanni sirnichaa itti seenuun reebicha ulfaataa daa’imman, haadholiii, Maanguddootaa fi dargaggoota irratti bifa suukanneessaan raawwataniin miidhaa guddaa geessisuu maddeen dabaluun addeessaniiru.

Dabalataanis ammoo lixa Harargee aanaa Bookee Xiqqoo ganda Haxuraa keessatti sadaasa 1, 2023 dargaggoo maqaan isaa Jamaal jedhamu ati naannoo kanaaf fuulli Kee haaraadha jechuun reebicha jabaa erga irratti geggeessaniin boodas akka hidhan jiraattonni onicha dubbatan.

Exit mobile version