ONM ABO Sadaasa 18, 2023
Akka CNN ganama har’aa Sadaasa 18 gabaasa qabatee ba’een ibsetti Poolisiin Israa’el haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 Israa’el irratti raawwate irratti ragaa jabaa, ragaa viidiyoo, ragaalee namootaa fi gaaffiilee shakkamtootaa galmee gudeeddiin wal hidhata qaban fayyadamuun qorachaa jira.
Akka gabaasni kun addeessutti dubartoonnii fi shamarran jeequmsa kanaan qabaman gara jabummaan saalqunnamtii, akkasumas qaamaan dararamuu fi ajjeefamaniiru jedhu namoonni balaa kana booda argan.
Hogganaa olaanaan poolisii Dudi Katz akka jedhanitti, qondaaltonni ibsa 1,000 ol fi kilippiiwwan suursagalee kuma 60 ol haleellaa kanaan walqabatan kanneen akkaawuntii namoota dubartoota gudeedaman arguu isaanii gabaasan dabalatee walitti qabuu isaanii ibsaniiru. Itti dabaluudhaanis qorattoonni ragaa namoota ijaan arganii hin qaban, akkasumas miidhamtoonni gudeeddii irraa lubbuun hafan jiraachuu fi dhiisuu isaaniis ifa miti jedhan.
Guyyaa sana gandoota fi qonna naannoo Gaazaa keessatti hidhattoonni Hamaas haleellaa qindoominaan daangaa Israa’el ce’uun raawwataniin namoota 240 ol booji’anii waraana amma jiru saffisiisuun Israa’elotni gara namoota 1,200 ta’an ajjeefamaniiru, kana caalaas madaa’aniiru. Lammiileen Falasxiin 11,000 ol ajjeefamuu isaanii aanga’oonni Gaazaa Hamaasiin hogganaman himan.
Komishinarri Poolisii Shabtai Yaakov qorannoon kun himannaan irratti dhiyaachuu danda’a jechuun, ammaaf garuu ragaalee funaanuun ergama jalqabaati jedhan.
Haleellaa shororkeessummaa kana torban tokko booda ibsa Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii baase kan jeequmsa saalaa hin kaasne Yunivarsiitii Hebrew keessatti ogeettiin seera mirga namoomaa kan taate Kochaav Elkayam-Levy, balaaleffachuun rakkoon dubartootaa fi shamarran Israa’el irratti raawwate hiriyoota ishee waliin qorattee galmeessitee kaa’aa akka jirtuu fi rakkoo namoota sana mudate beekuu ishee CNNtti himteetti.
Akkaawuntii CNN’f kenname yakkoota suukaneessaa, kan namummaa hin qabne jechuun danda’amu, bal’inaan ibsa.
Ogeessi fayyaa gargaarsaa kutaa baraarsa tooftaa addaa 669 irraa akka jedhetti kanaan dura miidhaa gosa hunda isa mudachuu ibsuun, garuu jeequmsa Onkoloolessa 7 irraa eegalee mudate waan hin yaadamne ture.
Dhimmi wal waraansa Gaazaa addunyaa hedduu haasofsiisaa fi Israa’el lola dhaabdee gargaarsi namoomaa walitti fufiinsaan akka taasifamu bakka gaafachaa jiranitti Israa’el haleellaa itti fufuun kibba Gaazaa keessatti tarkaanfii Gamoo jiraattotaa irratti fudhatteen namootni 26 ajjeeffamuu daarektara hospitaala wabeeffachuun Aljazeeraan ganama har’aa gabaaseera.

