ONM-ABO Sadaasa 27, 2023
Murni faashistii PP rakkoo siyaasaa Oromiyaa keessa jiru karaa nagaa furuuf fedhii jaarmiyaan ABO-WBO agarsiisee fi gaaffii uummatichaa barcumatti fidee mari’ate, dantaa aangoo isaaf mataa jabaachuun erga fashaleesseen booda waltajjii dabballoota isaa irratti ABO-WBO maqaa balleessaa jira.
Waltajjii baha Oromiyaa aanotaa fi magaalota godinichaatti kennamaa jiruun olola irratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuus maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Sadaasa 24, 2023 waltajjii maree hojjettoota magaalaa Maayaaf mata duree Abjuun WBO karaa qaxxaamuraan aangootti dhufuuf jedhuun itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa magaalaa Maayaa obbo Mul’ataa Bushraan kennamaa ture.
Gareen faashistii PP kun rakkoo ofii uumeen maree Taanzaaniyaatti geggeeffamaa ture erga fashalsiiseen booda ol deebi’uun olola aangoo fedhuu gama tokkoon geggeessaa gama biraan ammoo maallaqa jiru itti baasnee Waraana Bilisummaa Oromoo balleessuu qabna jechuun dhaadachaa jira.
Haa ta’u malee Jaarmiyaan ABO-WBO kaayyoo uummatummaa isaa qabachuun olola aangoo qaxxamura argachuu fedhuu, harka kennaa jiruu fi duula waraana irratti geggeeffamu cufa dura dhaabbachuun imala bilisummaaf taasisu akka jabeessu daandiin inni irra dhufe ragaa ta’uun ni beekama.

