ONM-ABO Sadaasa 27, 2023
Murni faashistii PP olaantummaa aangoo isaa eegsifachuuf ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa sirna impaayerattii irraa qaban maqaalee garaagaraa yakkuun dararuu kan jabeesse yoo ta’u, godina Walloo aanota adda addaa irraa Oromoota maqaa siyaasaan qabuun hidhee daraaraa jiru irratti humna dabalataa bobbaasuun haala lubbuu isaaniif yaaddessaa keessa galchee jira.
Ilmaan Oromoo Walloo mana hidhaa Kamisee keessatti murtii malee waggaa 3 oliif dararamaa jiran guyyaa har’aa lagannaa nyaataa kan geggeessan yoo ta’u, murni faashistii PP gocha isaaniif deebii seeraa kennuufii mannaa humna poolisii federaalaa dabalataan galchuun marsisiisee haala lubbuu isaaniif yaaddessaa keessa seensisuu maddeen galgala kana magaalaa Kamisee irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Manni hidhaa hidhamtootni Oromoo keessa jiran kun poolisoota federaalaan keessaa fi alli isaa hidhamee jira kan jedhan maddeen, lagannaa nyaataa jalqabaniin hidhamtootni rakkoo fayyaa keessa yoo seenan ba’anii yaalamuuf haalli waan hin mijanneef waan qaamolee achitti argaman kanaan galgala kana irratti raawwatu hin beeknu jechuun yaaddoo qaban dabalanii ibsuun hawaasni Oromoo sagalee akka ta’aniif waamicha dhiyeessanii jiru.

