Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar ona Fantaallee keessatti maqaa galii taaksii jedhuun uummanni saamamaa jiraachuu fi tajaajilli geejjibaa akka hawaasa hin qaqqabne dhorkuu jiraattotni himatu 

ONM-ABO Sadaasa 28, 2023

Diingdee humna waraanaan harkatti laamsha’e deebisee ijaaruuf jecha carraaqqiin karaa saamichaan gidduu kana uummata  nagaairratti hidhattootaa fi dabballoota koloneel Abiy Ahimediin geggeeffamaa jiru uummaticha beelaa fi rakkoof saaxiluu waan hin oolleedha jechuun jiraattotni ONM dubbise tokko tokko dubbatu.

Akkuma beekamu gidduu kana maqaa gibiraa, hidha laga Abbayyaa,  Inshuuraansii fayyaa fi Taaksii jedhuun godinaalee lixa Shaggar fi baha Shaggar dabalatee bakkoota hedduutti geggeeffamaa jiraachuun ni beekama.

Haaluma kanaanis baha Shaggar Ona Fantaallee keessatti waraana weerartuu uummatatti bobbaasuun saamichi maqaa galii taaksii jedhuun geggeefamaa jiru jabaachuun daandii geejjiba mataaharaa irraa gara baadiyyaa adeemu irratti gurmuun dhaabbachuun uummata baadiyyaa irraa loon isaa magaalaa mataaharaatti gurgurachuuf deemu irraa galii taaksii kaffaluu qabdu jechuun Re’ee, Hoolaa fi loon irratti qarshii 100 Gaalaaf ammoo qarshii dhibba sadii (300) dirqamaan funaanaa jiraachuu  jiraattotni dubbatu.

Haaluma kanaan marii dhiheenya kana kaadirootni PP taa’uun gaggeessan irratti akka dubbatanitti ona Fantaallee kana keessa waraana bilisummaa Oromootu jira, isaaniif galaa geessaa jirtan jechuun geejjibni uummataa dhaabbachuu qaba jechuun murteessuun hawaasni yeroo gara mana ofitti deebi’an konkolaataa ugguruun hawaasa garmalee rakkisaa akka jiranis jiraattotni dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version