ONM-ABO Mudde 15, 2023
Gareen uummata Oromoo dararuu hojii isaa idilee godhatee Oromiyaa guutuu keessatti ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi uummata godaansiisuun uummatatti bobbaafaaman baha Shaggar ona faantaallee keessatti Muddee 11, 2023 irraa kaasuun humna waraanaa uummatatti bobbaasuun galii gibiraa humnaa olii dirqamaan gaafachuun uummata saamaa jiraachuu himuun nama dhuunfaa tokko irraa qarshii 5,000 hanga 8000 funaanaa jiraachuu jiraattonni himu.
Oduma kanaan walqabatee onuma kana akkuma kanaan dura gabaasaa turre daandii konkolaataa bakka ganda Ilaalaa jedhamtutti humna waraanaatiin karaa guddaa hidhuun uummata magaalaa Mataa haraa irraa loon gurgurachuun midhaan nyaataatii fi wantoota jireenyaaf barbaachisu bitatee gara mana ofiitti galaa jiru waraana bilisummaa Oromootiif galaa bittanii geessaa jirtan jechuun ummata harkaa saamaa akka jiran jiraattonni irra deddeebiin hiyyachaa jiru.
Daballoonni waraana weerartuu PP kanaaf ijaa fi gurra ta’uun haala mijjeessuun miidhama uummata kana irratti waliin hojjechaa jiran Boruu Juffaati fi Jamaal Waaqoo kanneen jedhaman yoo ta’an mootummaan abbaa irree kun kufuun isaa waan hin oolleef gochaa isaanii kana irraa osoo dhaabbatani isaaniif wayyaa jechuun Jiraattotni ona Fantaallee dhaamsa isaanii gama ONM tiin dabarfatanii jiru.
Dabaluunis uummata ofiifuu qaala’iinsi jireenyaa itti hammaatee jiru, kaabinoonni rakkina hawaasa isaanii osoo beekanii gara laafina tokko malee hawaasa gidirsuun isaanii kun kan baay’ee nama suukanneessuudhas jedhan.

