ONM-ABO Mudde 5, 2023
Biyya Hindii bulchiinsa Manipur kan jeequmsa guddaa keessa jirtu keessatti gareewwan hin beekamne lama gidduutti waldhabdee qawween uumameen yoo xiqqaate namoonni 13 du’uu qondaalli poolisii beeksisuu Aljazeeraan gabaase.
Reeffi madaa rasaasaa dachaa qabu Wiixata kaleessaa ganda kaaba bahaa kutaa Tenginoyupal keessatti kan argame yoo ta’u, qondaalli kun lola qawwee “guddaan” akka ta’e ifoomseera.
“Reeffi namoota du’anii hatattamaan adda baasuuf yeroo sanatti bakkicha hin turre, garee hidhattoota kam keessaa akka ta’aan dubbachuu hin dandeenyu,” jechuun qondaalli kun magaalaa guddoo bulchiinsa biyyattii Imfaal irraa bilbilaan dhaabbata oduu Rooyitarsiif himaniiru.
Ajjeechaan kun kan raawwatame miseensota garee Meyiteyi kanneen caalmaa qabanii fi hawaasa xiqqaa Kuki-Zo gidduutti faayidaa mootummaa fi dantaa qooddachuu irratti walitti bu’iinsi sabaa lubbuu namootaa galaafate erga uumamee ji’a torba booda.
Hokkora Caamsaa 3 irraa eegalee naannoo bulchiinsa biyyattii irraa fagoo taate kana keessatti yeroo tokko tokko mudatuun yoo xiqqaate namootni 180 kan ajjeefaman yoo ta’u, namootni kuma kurnaniin lakkaa’aman ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’aniiru jechuun Aljazeeraan gabaasera.

