Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Harargee magaalaa Awwadaay keessatti poolisiin humna farra riphe lolaa jechuun of waaman konkolaachisaa baajaajii tokko ajjeesuun beekame 

ONM-ABO Muddee 5, 2023

Oromoon nagaa bu’uuraa fi haal-duree sirna siyaasaa, amantii, hariiroo hawaasaa, aadaa fi safuu isaa deeffachuuf falma Sirna gabroomfataa bulchiinsa EPRDF of irraa haa fonqolchuu iyyuu malee, bulchiinsi bilxiginnaa boodaan dhufe Kan daranuu duudhaalee fi safuu isaa balleessuuf irratti hojjetu qofaa osoo hin taane lubbuu ilmaan Oromoo baasaa jira.

Mudde 3, 2023 godina baha Harargee bulchiinsa magaalaa Awwadaay keessatti Poolisootni farra riphe lolaa jechuun of waaman dargaggoo maqaan isaa Alamaddiin jedhamu baajajii isaa ol seenuun dirqamaan nu deemsis jedhanii halkan Keessaa toora sa’a 3:00tti erga fuudhanii deemaniin booda ganda Bashir Bikkaa jedhamutti rasaasaan waadanii ajjeesuun beekame.

Koloneel Abiy Ayimad Sirna dullacha deebisuuf murannoo godhachuun sanyii duguggaa labsuun roorroo ulfaataa raawwachaa Kan jiru yoo ta’u, akeeka Minilik tarkaanfachiisuuf  hidhattoota bineeyyii Oromiyaa keessatti bobbaasuun isaa qabsoo sabichaa sakaaluu hin danda’u jechuun jiraattonni yaada isaanii Arraata Biyyoolessa oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version