Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Guutummaa Oromiyaa keessatti waraannifi humni tikaa mootummaan Bobbaafama Maanguddoota biyyaa ajjeesuufi mana hidhaatti dararaa jiraachuun dhagahame

SQ-Muddee 8/2023

Humnoonni mootummaan maqaa nageenya eegsisuu jedhuun Oromiyaa guutuu keessa facaase mirga namoomaa sarba jiru. Humnoonni kun tibba darbee dargaggoota Oromoo mana Amaantaa Warra Wangeelaa Makanaa Yesuus Gidaami keessaa halkan qixxee namoota sagan ukkamsuun ajjeesuu gabaasne turre. 

Bifuma wal fakkatun ammo Humnoonni kun Manguddoota Oromoo hanga Daa’immaniitti yakka suukanneessa raawwachaa jiru. Namoota nagaa ajjeesuun reeffa dhorkachuu hojii isaan kan godhatan; Manguddoota biyya ukkamsuun darara itti fufaniiru.

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Eebantuu ganda Adaamii kan jiraatan  Manguddo Ittafaa Jaarsoo humnoota tika mootummaa Itoophiyaa kanaan qabamanii mana dararaa erga galanii baatii Jaha lakkobsisaniiru.

“Manguddoon kun Umuriin isaanii ganna 63 kan ta’an  waggaa lama dura ilmikee shaneedha ittiin jedhanii mana lamaafi qabeenya hedduu ibiddaan gubanii jalaa barbaadeessuun kaan saamanii qe’ee isaanii irraa godaansisan jechuun eegalu namni Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof yaada keennan. 

Bakka isaan itti baqatanii maatii isaanii jiraachifachuuf carraaqqatan adamsuu eegalani. Maanguddoo kanaan “inni mataan isaa shaneedha. Kanaaf bakka inni jiru hordofamee tarkaanfiin irratti fudhatamuu qaba!” Jedhanii qote bulaa nagaa ilmaan isaa guddifachuuf carraaqu adamsuu eegalan.” Jechuun kulkulfataa dubbata namni yaada nuuf keenne. 

Akka lakkoofsa impaayeraatti waxabajji 29/2015 mana isaanii keessaa butanii gaaffii tokko malee mana dararaa buusani.
“Maanguddoon kun armaan dura dhibee garaachaafi kaleen hedduu waan dhibamaniif hospitaala Naqamteetti yaaliin baqaqsanii hodhuu godhameefii tures” jedhu.

Inumaa gaafa qabaman sana humnoonni kun rasaasa harreen baattu baachisanii daandii dheeraa waan deemsisaniif dhibeen isaanii hedduu itti hammaate.

Erga hidhamanii as immoo dabalataan dhibee onneefi dhiibbaa dhiigaaf saaxilamanii hedduu rakkachaa jiru. Buufanni fayyaa aanichaa yaala isaa hin dandeenyu jedhee riffeerii barreessuufis gara hospitaalaa geessuu akka hin dandeenye itti himan.

Munguddoon kun badii tokko osoo hin qabaatiin sababa “Ilmikee Shaneedha!” Jedhu qofaan dararaa ulfaattuu kana keessa jiru. Amma har’aatti yakka dhuunfaa ittiin himataman kan hin qabneefii mana murtiitti osoo hin dhiyaatiin gaaffii tokko malee dararamaa jiru jechuus dubbatu.

Namni yaadasa nuuf keenne akkasiin itti fufa “Maanguddoon kun dhibee ammaan duraa itti hammatee yaala waan dhabaniif maatinillee rakkoo ulfaata keessa jiru” jedhan. Yeroo ammaa Waajjira Poolisii Eebantuutti dararamaa akka jiraniis dubbatu.

Exit mobile version