Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Harargee Lixaa aanaa Ciroo gandoota hedduu keessatti dararaa fi saamichi uummata nagaa irratti raawwatamaa jiru hammaataa ta’uu jiraattotni dubbatu 

ONM-ABO Mudde 13, 2023

Bilxiginnaan duula saamichaa fi dararaa uummata nagaa irratti bane Jabeessuun, bifa armaan dura impaayerattii keessatti mul’atee hin beekneen gochoota farra namummaa hawaasa nagaa irratti guyyaa gara guyyaatti raawwachaa jira.

Ji’oota lamaan darban irraa eegalee baha Oromiyaa Harargee lixaa keessatti saamichi fi dararaan wal irraa hin cinne hawaasa nagaa irratti raawwatamaa kan jiru yoo ta’u, aanaa Ciroo gandoota akka Najaabaas, Sheek Adam, Madhichoo, Luugoo, Macheessaa, Laaloo, Yabduu Shomboqqoo fi gandoota kaan keessatti saamichaa fi hiraarsi ulfaataan kaadirootaa fi loltoota sirnichaan raawwatamaa jiraachuu jiraattotni dubbataniiru.

Gandoota kanneen keessatti maqaa inshuraansii fayyaa jedhuun uummata irraa maallaqa fuudhaa, namoota kaffaluu dadhaban ammoo ilaalcha siyaasaa WBO qabdu jechuun hidhaa, namoota hidhan ammoo maallaqa gurguddaa harkaa fuudhuun gadi dhiisaa, Jimaa namootaatti waraana isaanii duulchisanii qaamsisaa akkasumas raayyaa ittisa impaayerattiif dargaggoota humnaan qabaa jiraachuus jiraattotni rakkoo kana dhamdhamaa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatii himaniiru.

Dabalataanis aanichuma keessatti Waraana Bilisummaa Oromoo galchaa ta’uu baannaan xiyyaaraan rukunna jechuun jaarsolii biyyaa, abbootii amantii fi abbootii gadaa walitti qabuun waltajjii waamanii doorsisuun burjaajii uumuuf Yaalaa jiru.

Baha wallaggaa aanaa Leeqaa Dullachaa keessatti namootni 11 waraana PPn ukkamfamanii achi buuteen dhabamuu fi saamichi yoo jabaatu,aanaa Sibuu Siree keessattis sababoota dhukkuba Busaaf namootni dhumaa jiraachuun himame.

Qabsoo diddaa kolonii fi bilisummaa wal duraa duubaan hawaasni Oromoo geggeessaa turee fi jiruun, maqaa adda addaa sabicha xiqqeessuuf karaa mootolii impaayeerattii wal furaa dhufeen uummanni Oromoo hiraarfama guddaa argaa jira.

Exit mobile version