ONM-ABO Mudde 15, 2023
Lakkoofsa uummata Oromoo xiqqeessuudhaaf sagantaan bal’aan diriirfamee kara murna bilxiginnaa gad-ba’uun, rasaasaan uummata nagaa maqaa WBO itti maxxansanii ajjeesuu bira darbee jumlaan funaanuun uummaticha adda waraanaatti erguun namoota harka dheessan ammoo yeroo ammaa ajjeesaa jiraachuun beekame.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Daallee Waabaraa magaalaa Qaaqee ganda 02 bakka addaa Kuchaa’ee jedhamutti gaafa Muddee 12, 2023 uummata baadiyyaadhaa gara gabaa deeman humnaan namoota 100 ol qabuun gara dirree waraanaatti deemtu jechuun osoo fuudhanii deemanii nuti hin feenu loltuu ta’uu jechuun namoota didan lama kan maqaan isaanii nun geenye akka ajjeesantu beekame.
Lubbuun namootaa murna bilxiginnaa biratti yeroo ammaa gatii dhabuun akka guutuu Oromiyaatti ilmaan Oromoo abbootii warraa, dargaggoota, ijoollee ol adeemoo umuriin isaanii 15 gad ta’e dabalatee namoota hedduu ukkamsuun dirree waraanatti ergaa kan jiranii fi namoota maatii guddifanna hin deemnu jedhan ammoo bakkeewwan hedduutti ajjeesaa jiraachuun beekameera.

