ONM-ABO Mudde 18, 2023
Yeroon kun yeroo uummatni Ormoo karaa hundaan gidiraa hamaa argaa jiru yoo ta’u, murni bilxiginnaa umurii aangoo isaa dheerefachuuf waraana naasuu hin qabne hawaasa nagaatti bobbaasuun, gam tokkoon dirree waraanaatti fe’uuf uummata jumlaan ukkaamsaa, gama kaaniin ajjeechaa, saamichaaf gubaatii manneenii raawwachaa jira.
Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Wal ga’ii Bubbukaa iddoo addaa Shukkoo jedhamutti Muddee 16, 2023 ganama irraa sa’a 12:00 irratti sochii gochuun, obbo Buusaa Mangashaa jelaa Sangoota lama oofattee yoo deemtu, guyyaa kaleessaa Muddee 17, 2023 immoo obbo Duulaa Iggazuu jelaa sangaa tokko ooffattee deemuu maddeen gabaasan.
Akkasumas, waraanni faashistii pp achuma aanaa Sayyoo ganda Kuree Ga’ib iddoo addaa Guddattu Shuffee buufattee jirtu ijoollee shammarranii daandii irratti humnaan qabanii gudeeddii irratti raawwachuu fi maallaqaan goyyomsanii waliin jiraachuu akkasumas, safuu wallaaluun barsiistuu dhaloota qartu barsiistuu nageenya isheef maqaa dhahuun hin barbaachisne daandii irratti qabanii rakkisuun ba’aaf gala dhorkaa jiru.
Oduu ajjeechaatiin aanuma Sayyoo bulchiinsa magaalaa Dullii fi Yungaa gidduu bakka addaa Qoccaa jedhamutti waraanni bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Iyyoob Hambisaa Abdiisaa jedhamu kaleessa Muddee 17 waaree booda naannoo sa’a 10:00 tti ajjeesuuu maddeen gabaasaniiru.

