ONM-ABO Muddee 19, 2023
Dheengadda jechuun gaafa Muddee 17, 2023 lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa ganda Gemii Gabbaa keessatti manguddoo abbaa maatii saddeetii ta’e akkasuma mana lama bulchuu Selemaan Garbee Sanbatoo jedhamu sababa tokko malee hidhattootni Kolonel Abiy Ahimediin uummatatti bobbaafaman gaaffii tokko malee mana isaatii isaatii fuudhun bakka Barcumee jedhamutti rasaasa itti roobsun ajjeesuu jiraattootni himan.
Manguddoon kun nama siyaasa keessaa harka hin qabnee fi hojii qonnaa isaa qofa irratti xiyyeeffachuun hojjetu, akkasuma manguddoo akka jaarsa biyyaatti namoota wal dhaban walitti araarsuun beekamu hawaasa gidduu galafachuu isaanii jiraattonni ragaa ba’uu.
Aanicha keessatti uummaani aanichaa baatilee hedduu dhibee busaan hawaasa dararamaa turee fi osoo maqaaf biyya bulchina jedhanii aangoo impaayerattii irra taa’anii jiranii qorichoota hawaasaaf dhiheessuu dhabuun lammiilee hedduun kan dhuman yoo ta’u dhibeen hawaasa irraa fooyya’ee jennaan ofii ammoo rasaasaan dabaree itti darbuun ajjeechaa jumlaa dabalatee hanga hidhaa fi gubaatii manneen namoota irratti raawwachaa jiraachuus himan.

