Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar aanaa Darraa Keessatti bulchaan gandaa lafa jiraattota irraa saamuu fi namoota mormii kaasaan ammoo hidhaan dararaa jiraachuun beekame 

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Godina kaaba shaggar aanaa Darraa ganda Ada’aa Malkee Keessaa bulchaan gandichaa sanyii fi gandaan ofitti naanneessuun  miseensota milishaa akkasumas basaastota ijaarrachuun yeroodha yerootti qabeenyaa hawaasaa lafa dhuunfaa isaatiif qonnaan bultoota irraa saamuuun namoota mormii isa irratti kaasaan ammoo ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo qabduu itti maxxansuun hidhaan dararaa jira.

Bulchaan gandaa Ada’aa Malkee Kan qabeenyaa namoota saamaa jiru Kun maqaan isaa Mohaammed Ayimad Kan jedhamu yoo ta’u, Obbolessa isaa Jamaal Ayimad itti gaafatamaa milishaa gochuun yeroo 2f lafa kaaree meetirii 200m sababoota Birmadummaa biyyaa jedhuu fi doorsisa adda addaa uumuun namoota irraa Kan fudhate yoo ta’u, dabalataanis qarshii kuma dhibbaa lamaa fi kuma soddoma hawaasa naannoo afooshaan walitti qabatee jiru irraa dirqiin fudhateera.

Muddee 18, 2023 hawaasa naannoo walitti qabuun bulchaan gandicha doorsisa yeroo eegaletti namoota maaliif qabeenyaan keenya saamama jedhan Kan umuriin isaanii 50-75 gidduu jiru Kan baay’inni isaanii 30 ta’e hidhuun hiraarsaa jira.

Maqaan namoota hidhamaanii jiranii: Alii Boggaalaa, Arabuuu Dassaaleny, Sayiduu Aliyyuu, Abduu Ayiimad, Umaruu Yaasinee, Abduu Mohammed, Muhee Yaasiin, Abduu Dabalaa, Mohammed Taaddasaa, Faantaa Usmaan, Jamaal Mohammed, Goonchiyee Asheetuu, Ibiree Damisee, Asfaw Damisee, Ussii Damisee, Taammanaa Zawuduu, Ayimad Baahiiru, Asanuu Bashiree, Tsaayee Asheetuu, Sayiidee she Ibiree, Walaaliny Ayimad, Adaamuu Useen,S Sayid Ayiimad, Asheetuu Amiinee, Shariifuu Ayimad, Yaasiin Gizawuu, Kamaal Sulxaan, Mohaammed Ibirhaayim, Muyee Asheetuu, fi Abduu Mohammed, Kan jedhaman ta’uun barameera.

Exit mobile version