Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti milishoonni sirnichaa walitti dhukaasuun bulchaa gandaa tokko ajjeesuun walii isaaniis madeessan

ONM-ABO Onkoloolessa 15, 2024 

Ergamtootni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti namoota kabajni namummaa maal akka ta’e hin beekne kumaatamaan leenjisuun aangoo siyaasaa Abiy Ahimed akka tiksaniif loltoota isaanii golee Oromiyaa mara keessatti bobbaasuun, uummata Oromoo jumlaan ajjeesanii bakkeetti gatuu, hidhanii hiraarsuu fi saamanii hiyyummaatti hambisuun gochoota dabaa hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiraniin cinaatti, walii isaaniif illee naasuu tokko dhabuun  dhukaasa walii isaanii irratti bananii wal ajjeesuu fi wal madeessuu daran jabeessanii itti fufaniiru.

Wiixata kaleessaa Onkoloolessa 14, 2024 aanaa Dawwee Harawaatti bulchaan ganda Dirree maqaan isaa obbo Sayid Usmaan jedhamu milishoota sirnichaa waliin ta’uun bulchaa ganda Daa’oo kan ta’e nama maqaan isaa obbo Sayid Siraaj jedhamu mana isaatti itti dhaquun dhukaasa irratti bananii yoo ajjeesan, milishaa maqaan isaa Indirroo Ahimed jedhamu ammoo madeessanii du’aa fi jireenya gidduu jiraachuun isaa himameera.

Akka odeessi keessoo PP ONM dhaqqabe addeessutti, bulchaan ganda Dirree milishoota PP qabachuun bulchaa ganda Daa’oo kana kan ajjeese jibba dhuunfaa irraa qabuun sobaan yakkee maqaa bulchaan ganda Daa’oo kun Waraana Bilisummaa Oromoo waliin walitti dhufeenya qaba jedhuun qaamota isaa oliitti dabarsee gabaasaa kan turee fi yeroo isaan dhugaa ta’uu qoranna jedhanii isa geggeessanitti bulchaan ganda Dirree kun milishoota waliin ta’uun manatti itti dhaqee ajjeesuun qawwee irraa yoo hiikkatu, milishaa tokkos madeessee magaalaa Harawaatti dhiichisaa galuu dabaluun ibsa.

Itti dabaluunis bulchaan ganda Daa’oo ajjeefame kun yeroo gabaasni kun qindaa’etti reeffi isaa kan hin kaafamnee fi inumaa bulchaan ganda Dirree fi milishoonni sirnichaa bulchaa isaanii ganda Daa’oo ajjeesan kun magaalaa Harawaatti dhiichisaa yeroo ba’anitti, itti aanaa bulchaa godinaa kan ta’e obbo Abduu Jamaal bakka argamanitti qarshiin kan kennamee fi nyaata adda addaa fi dhugaatii Alkoolii affeeramanii dhiichisaa akka turan namoonni ijaan argan dabaluun dubbataniiru.

Exit mobile version