Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti hidhaan namoota nagaa irratti raawwatamu jabaatee itti fufee jiraachuu jiraattonni himatu 

ONM-ABO Mudde 20, 2023

Ilmi namaa akka nagaan hojii isaanii hojjetatanii jiraachuu warreen hin barbaadne hidhattootni murna bilxiginnaa yeroo ammaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti nageenya hawaasaa booreessuun maqaa waraana bilisummmaa Oromoon yakkanii mana hidhaatti dararaa jiru.

Haaluma kanaan lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Karmaa Foojjee keessatti guyyaa dheengaddaa jechuun Muddee 18, 2023 namoota nagaa hojii idilee isaanii geggeeffatan Mahammad Awwal fi aanichuma ganda Loppii keessaa Muusaa Zakariyaa jedhamu qabanii fuudhanii deemuun mooraa waraana isaanitti gidirsaa jiraachuus dubbatu.

Namoonni qabaman kunneen maqaa waraana bilisummmaa Oromoo deggartu jedhamuun ragaa sobaan qabamanii haa hidhaman iyyuu malee jiraattotni kunneen warreen siyaasa keessa harka hin qabnee fi jiruu dhuunfaa isaaniif carraaqatan jechuun jiraattonni miira aariin dubbatu.


Exit mobile version