ONM-ABO Muddee 25, 2023
Pireezidaantiin Falasxiin Mohammud Abbaas guyyaan ayyaana dhaloota Yesuus Kiristoos dhufu guyyaa waldhabdeen Gaazaa fi naannoo Falasxiin dhuunfatamte itti xumuramu akka ta’u abdii qaban Dilbata kaleessaa ibsaniiru.
Uummanni keenya tokkollee haleellaa kana irraa, yaalii humnaan buqqisuu, fi manneen kumaatamaan lakkaa’aman barbadeessuu irraa hin hafne,” jechuun Abbaas Ayyaana Dhaloota Yesuus sababeeffachuun haasawwaa taasisaniin dubbataniiru.
“Lagni dhiigaa, wareegama guddaa, gidiraa, fi gootummaadhaan uummanni Falasxiin lafa isaa irratti dhaabbachuun daandii bilisummaa fi ulfinaatti geessudha,” jechuun cimsanii dubbataniiru.
Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwataa jirtuun sa’a 24 darban keessatti yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 166 yoo du’an, 384 ammoo madaa’uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa Dilbata kaleessaa ibseera.
Miidhaan kun kan qaqqabe yeroo boombiin cimaa Israa’el qilleensa, lafaa fi galaana irraa akkasumas hojiin lafaa irra caalaan naannoo Gaazaa itti fufee jirutti akka ta’e maddeen nageenyaa Falasxiin ibsaniiru.
Namoonni ijaan argan Jiinuwaa’tti akka himanitti, sa’a muraasa darban keessa naannoo bahaa Al-Zayituun fi qarqara magaalaa Gaazaa kibbaatti walitti bu’iinsa cimaan kan mudate yoo ta’u, yeroo kana sagaleen dhohinsaas dhaga’ameera.
Gama biraatiin waraanni Israa’el sochiin waraanaa kaayyoo namoomaaf jecha naannoo Al-Barakaa giddugala magaalaa Deir Al-Balah keessatti yeroof tooftaadhaan akka dhaabu kan beeksise yoo ta’u, kunis guyyaatti sa’a jahaaf kan turu ta’uun ibsameera.
Akka miidiyaaleen Israa’el ibsanitti lola sa’a 24 darban keessatti loltoonni saddeet ajjeefamanii 13 ammoo madaa’aniiru.
Lakkoofsi yeroo dhiyoo Ministeerri Fayyaa Gaazaa keessa jiru akka agarsiisutti lakkoofsi namoota Falasxiinota du’anii 20,424 kan ga’e yoo ta’u, erga waldhabdeen kun Onkoloolessa 7 ka’ee as namoonni 54,036 madaa’aniiru jechuun Dhaabbanni Oduu Chaayinaa Jiinuwaan gabaaseera.

