Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Jalbultii Amajjii 1 Guyyaa WBOtti godina Arsii bahaa fi Lixaa keessatti gootichi diina du’aa fi madoon adabe

ONM-ABO Muddee 31, 2023

Akkuma abboota isaatti, akkuma injifannoo fi seenaa dhaaletti, gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo har’as seenaa hojjechuu itti fufuun jalbultii Amajjii 1 Guyyaa WBOtti godina Arsii bahaa fi Lixaa aanaalee adda addaa keessatti diina dhukkee irraa kaasuun kabajaa jira.

Korommiiwwan Kibba Baha Oromiyaa Cibraan Jaal Nadhii Gammadaa har’a Muddee 31, 2023 jalbultii ayyaana guyyaa WBO kabajaa diina du’aa fi madoon adabeera.

Aanaa Sirkaa keessatti ganama sa’a 3:00 irraa hangaa sa’a 12:00tti waraana faashistii PP irratti lola banuun reeffaa fi madoo tolchee injifannoon goolabe jira.
Aanaa Muneessaa keessatti sa’a 11:00 irraa kaasee hanga gabaasni kun qindaa’etti diina harcaasaa ture.
Arsii lixaa aanaa Heeban Arsiitti sa’a 10:00tti mooraa waraana bilxiginnaa irratti haleellaa geggesseen injifannoon goolabee jira.

Guutuu isaaf walitti deebiina.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Exit mobile version