ONM-ABO Amajjii 3, 2024
Urjiiwwan Oromoo ijoolleen mataa tuutaa Cibraan Hambaa Aanoolee diina maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa qe’ee fi qabeenya isaa barbadeessaa lubbus obbaasaa ooltu idddo isheen kallattii hedduun walitti dhufteetti itti dhaquudhaan biyyoo nyaachisee jira.
Guyyaa kabajamaa Amajjii 1 Guyyaa WBO ayyaaneffachaa ooleen booda gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo kaleessa Amajjii 2/2024 rasaasaan diina olii fi gadi akaa’aa ooleera.
Irree fi wanteen sabaa WBOn godinaa Arsii bahaa aanaa Martii ganda Wataroo-Diinoo iddo addaa Goobaa keessatti guyyaa sa’a 8:00 irraa kaasee hanga galgala sa’a 1:20 tarkaanfii diina irratti fudhachaa tureen loltoota PP 95 irraa ajjeesuun 120 madoon adabeera.
Gama meeshaan AKM 20, SKS 5, gumbii AKM 30, gumbii isnaayipperaa 6 sanduuqa rasaasa bireenaa guutuu fi F1 3 irra hiikuun baqachiise gara magaalaa aanaa irra dhuftetti deebiseera.
Akka maddeen odeessi achi argame ifoomsutti hanga har’a jechuun Amajjii 3/2024 reeffi ishee iddoo lolaa sanaa ka’ee akka hin jirre barameera.
Kana malees ganama kana qawwee fi hidhannoo baaftee uffata waraana waliin dhoksuun huccuu uummata irraa dirqiin fudhatanii uffachuun bosonaa ba’anii gara magaalaatti dhoksaan galaa jiru.
Aanaa Martii keessatti diinni dhuftee WBO loluuf haamilee kan hin qabnee ta’u ishee lola kana irraa yeroo fiigichaan baqattu irraa hubachuun ni danda’ama.
Haleella irra ga’e kanaanis shamarree waggaa 18 tokko ajjeesuun halayyaatti guutanii akka turan gabaasni achi nu qaqqabe ni addeessa.
Tarkaanfii WBOn fudhatu hanga bilisummaatti itti fufa!
Injifannoon Uummata Oromoof!

