ONM-ABO Amajjii 3, 2024
Oromiyaan weeraraa fi Kolonii sirna gita bittaa nafxanyaan erga dhaanamtee kaasee ilmaan ishee aarsaa lubbuu kaffalaa har’a kan ga’aan yoo ta’u, yeroo jijjiiramni impaayera Itoophiyaa keessatti dhufe jedhee sabaa fi sablammootni yaaduu eegale irraa kaasee ajjeechaan tokko lamaan Oromiyaa keessatti eegale,yeroo ammaa namni danuun akka dhumu taasisee jira.
Amajjii 2, 2024 godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyoo ganda Yabboo-Sillaasee jedhamu keessatti dargaggoo maqaan isaa Dirriibaa Mokonnoon jedhamu Waraanni faashistii PP Muddee 30, 2023 qabuun guyyoota lamaaf of bira tursuun bakka addaa Yaabii jedhamutti akka ajjeesantu dubbatama
Sababni dargaggoon kun ajjeefameef akka jiraattotni jedhanitti obbolessi kee miseensa WBOti jechuun dararaa guyya lama guutu irratti geggeessaa turuun waraanni sirna gabroomsaa kunneen akka ajjeesan kan himan jiraattotni, yeroo ammaas gandoota baadiyyaa keessa deemuun maatii qeerroo fi waraana bilisummaa Oromoo qabuun gara aanotaatti geessuun rakkisaa jiru jiraachuus jiraattotni dubbatu.

