Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

US Raashiyaan misaa’ela Kooriyaa Kaabaa Yukireen irratti fayyadamuu ishee himatte

ONM-ABO Amajjii 6, 2024

Waayit Haawus himannaa kana Kamisa galgala kan kaaste yoo ta’u, Moskoon weerara Yukireen gara waggaa lamaa booda kuufama meeshaa waraanaa ijoo dabalachuuf michuu ishee Iraan irraa misaa’ela barbaadaa akka jirtu ibseetti.

Dubbi himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Ameerikaa Joon Kirbii, waliif dabarsuun kun” hammeenya guddaa fi yaaddessaa” dha jechuun ibsanis, Kiiv ibsa kana booda hanga ammaatti ragaa of danda’ee himannaa kana deeggaru akka hin arganne ibsiteetti.

Dubbi himaan humna qilleensaa Yukireen Yuriy Ignat miidiyaalee mootummaatti akka himanitti, hanga ammaatti misaa’eloonni akkanaa itti fayyadamuu isaanii odeeffannoo hin qabnu. Ameerikaan ibsa akkasii kenniteetti,” jedhan.

“Kanaaf ogeeyyiin caccabaa kana ni qoratu, sana booda kun dhugaa ta’uu fi dhiisuu isaa baruu dandeenya. Ammatti mirkaneessuu hin danda’u,” jechuun dabalaniiru.

Misaa’eloonni Piyoongiyaangii dhiyeessitu kanneen fageenya naannoo kiiloo meetira 900 (maayilii 550) ta’an torban darbe keessa haleellaa lama Yukireen irratti raawwatee Raashiyaan dhukaafamee jedhan Kirbiin.

Raashiyaan yoo xiqqaate misaa’eloota Kooriyaa Kaabaatiin dhiyaatu keessaa tokko Mudde 30 furguggiftee kan turte yoo ta’u, naannoo Zaaporizhizhia keessatti dirree banaa irratti akka bu’e himaniiru jechuun France 24 gabaaseera.

Exit mobile version