Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti saamichi jiraattota irratti hammaate

ONM-ABO Amajjii 9, 2024

Oromiyaa keessatti saamichi murni PP afaan qawwee gargaaramuun qe’ee isaa keessatti, daandii gubbaatti akkasumas bakka hojii isaatti uummata nagaa irratti raawwataa jiru dabalatee maqaa deeggersa garaa garaatiin taasifamaa jiru haalaan jabaatee jira.

Haaluma kanaanis, Torban darbe irraa eegaluun Lixa Oromiyaa Godina Baha Wallaggaa aanaa Gudayyaa Biilaa ganda Aliitoo Waradii keessatti loltoota bilxiginnaa ittiin tumsuuf jecha hawaasni gandichaa guutuun midhaan quunnaa lamaa fi qarshii kumaaf dhibba shan humnaan akka kaffalan taasisaa jiraachuu maddeen himaniiru.

Haala rakkoo fi muddama qaalayiinsa jireenyaa impaayerattii mudatee jiruun uummata of jiraachisuun itti ulfaatee jiru irratti maqaa garaa garaatiin saamichi gaggeeffamaa oolu, Bilxiginnaan gara laafinaa fi naasuu tokkollee uummataaf kan hin qabne ta’uu calaqqisiisa kan jedhan maddeen, gochi kun gara fuula duraattis gandoota aanichaa kaanitti akka tarkaanfatus dubbataniiru.

Exit mobile version