ONM-ABO Amajjii 10, 2024
Humni galaanaa U.S. fi U.K haleellaa guddaa Huutiin Kibxata halkan Galaana Diimaa keessatti raawwate fashaleessan. Humnootni kun diroonii 18 fi misaa’ela sadii doonii daldalaa irratti xiyyeeffate kuffisuu beeksisan.
Taatee kun naannoo sa’a 9:15 pm akka sa’a biyyattiitti yeroo Huutiin diroonii “haleellaa gartokkee Iraan qopheessite”, “misaa’ela farra doonii kiruuzii, fi misaa’ela farra doonii balistikii” bananitti, jechuun Sentikoom maxxansa X irratti barreesseen ibseera. Akka Sentikoom jedhutti meeshaaleen waraanaa kun Naannolee Yaman Huutiin to’ataman irraa darbataman.
Misaa’eloonni fi dirooniin Huutii naannoo dooniiwwan daldalaa kudhanootaan lakkaa’aman keessa darbaa turan irratti xiyyeeffatanii akka turan Sentikoom Kibxata halkan ibseera.
Diroonii fi misaa’eloonni kun hundi xiyyaarota waraanaa doonii humna galaanaa USS Iseenhawoor, dooniiwwan barbadeessitoota humna galaanaa U.S. sadii fi U.K HMS Diyaamand irraa dhufaniin kufaniiru jedha Seentikoom.
Haleellaan Kibxata galgalaa kun erga Sadaasa 19 as haleellaa Huutiin daandii doonii daldalaa irratti raawwate 26ffaadha.
U.S. jalqaba baatii kanaa haleellaa kana ilaalchisee gamtaa michoota waliin ibsa waloo baafteen, Huutiin lubbuu namaa, diinagdee addunyaa, ykn daldala bilisaa naannichaa balaadhaaf saaxiluu yoo itti fufan bu’aa fiduuf itti gaafatamummaa ni fudhatu” jettee turte.
Dhuma Muddee keessa Peentaagoon garee hojii galaanaa biyyoota hedduu kan haleellaa Huutii morman Operation Prosperity Guardian jedhamu ijaaruu isaa beeksiseera.
Dooniiwwan waraanaa Ameerikaa fi Ingilizii haleellaa Huutii yeroo dhiyoo kana ofirraa ittisan hundi isaanii hojii sana irratti hirmaachaa jiraachuu ABC News gabaaseera.

