ONM-ABO Amajjii 19, 2024
Sirni badiif qophaa’ee ka’e bilxiginnaan lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo hin jirretti meeshaa gurguddaa darbachuun lubbuu namootaa fi qabeenyaa irratti dhiibbaa guddaa Oromiyaa bakkeewwan hedduutti geessisaa jiru.
Hubaatiin hidhattoota murna maafi’aa PPn hawaasa Oromoo irratti adeemaa jiru hanga kana jedhamee dubbachuuf kan nama rakkisu yoo ta’u, gaafa Amajjii 16, 2024 lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Jawwee Bonii keessatti lafa waraanni Bilisummaa Oromoo hin jirretti aanaa Dandii magaalaa Gaalessaa keessaa meeshaa gurguddaa Moorteraa fi ZU-23 hawaasa nagaa irratti darbataniin qabeenyaan namootaa barbadaa’uu jiraattotni himan.
Obboo Biqilaa Baalchaa jalaa loon shan kan jalaa ajjeesan yoo ta’u, Dabulee Guutaa jalaa ammoo Farda tokko ajjeesuun obboo Tarreessaa Asaffaa jalaa ammoo mana tokko jalaa akka miidhe jiraattotni gandichaa himu.
Akkasuma qabeenyi namootaa gubachuun barbadaa’e gandicha keessatti hedduu ta’uu fi hanga gabaasni kun qindaa’etti maqaan namootaa kan nun geenye ta’uu fi uummanni gandichaas yaaddoo guddaa keessa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

