ONM-ABO Amajjii 20, 2024
Rakkooleen jajjabduun baha Oromiyaa godinoota baha Harargee fi lixa Harargee keessatti hawaasa nagaa irrati adeemaa akka jiru gabaasaa Kan turre yoo ta’u, yeroo ammaas namootni jireenya keenyaaf qaamni wabii nuuf ta’u dhibuu irraan Kan ka’e murni bilxiginnaa waraana isaa nutti bobbaasee jireenya keenya balleessaa jira jechuun komii qaban dubbatu.
Akka jiraattotni godina baha Harargee aanaa Qarsaa ganda Odaa Nagaa, afoosha Lammii Kuraa irraa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise himanitti yeroo kana taateen nu quunnamaa jiru abbaan Araddaa namni maqaan isaa Diinaa Shakuur Jedhamu milishoota nutti bobbaasee maallaqni dhibbantaa namoota nagaa ajjeestaniin isiniif dabala jechuu irraan kan ka’e, milishootni guyyuu qe’ee keenya irraa nu buqqisuu fi ajjeechaa nurratti geggeessuuf nu adamsaa jiru jechuun himatu.
Yeroo nuti lubbuu keenya oolfachuuf baqannutti qabeenyaa keenya kanneen akka Jimaa, midhaan, kuduraalee fi muduraalee adda addaa, maallaqa fi kanneen kana fakkaatan saamuun jireenyi keenya baqa irratti argama jechuun rakkoo keessa jiran dubbatu
.
Amajjii 16, 2024 namootni harka milishoota kanaa seenuun yeroo ammaa kana reebichaa fi hiraarfamni guddaan irra ga’e muraasni kan maqaan nu ga’e: Sufiyaa Abdallaa rasaasaan kan madoofte,Toofiq Usmaanee, Kadiir Usmaanee, Sharafee Ahimed, Urjii Sharaf Fariyaa Abdallaa f Shariif Ayyuub Bakar, dabalatee namootni hedduun miidhaan qaama irra ga’e akka jiru namootni nuti dubbisne miidhaa irra ga’e addeessaniiru.

