Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti namoonni shan jumlaan waraana koloneel Abiy Ahimediin ajjeefaman

ONM-ABO Amajjii 20, 2024

Duulli duguuggaan sanyii Oromoo irratti xiyyeeffate Oromiyaa bakkeewwan hedduutti itti fufee kan jiru yoo ta’u, namoonni nagaanis gochaa isaanii malee akkasuma gaaffii tokko malee qe’eef qabeenyaa isaanii irraa hirbaata rasaasaa ta’aa jiru.

Sirni ilmaan namaaf naasuu tokkollee hin qabne bilxiginnaan ajjeechaa lubbuu namaa irratti murteessee teessuma aangoo isaaf qofaaf yaaduun, waraana naamusaa fi maaliif akka meeshaa baatan hin beekne baay’inaan hawaasatti bobbaasuun gocha suukanneessaa raawwachisaa kan jiru yoo ta’u, baha Shaggar aanaa Booraa ganda Jirimee Booraa keessatti guyyaa dheengaddaa gaafa Amajjii 18,2024 namoonni shan haala suukanneessaan ajjeefamaniiru.

Namoonni ajjeefaman kunneen namoota hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan yoo ta’aan, gochootuma uummata Oromoo irratti yeroo ammaa raawwatamaa jirutu namoota maqaan isaanii Badhaadhaa, Geetaachoo fi Jimaa kanneen jedhaman kana irrattis raawwatame.

Akkasuma reebichii fi saamichi maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo nyaachistuu fi gibira hin kaffaltan jedhaniin irratti raawwatamaa jiraachuus jiraattotni himuun haallii uummanni aanichaa keessa jiran haalan yaaddessaa ta’uus himan.

Exit mobile version