Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Booraa keessatti namoonni lama haala suukkanneessaan waraana maafi’aa PP’n ajjeefaman

ONM-ABO Bitootessa 23, 2024

Impaayera Itoophiyaa keessatti dhiigni lammiilee nagaa waraana murni bilxiginnaa namoota nagaa akka ajjeesaniif bobbaaseen dargaggoonni biyyattii jijjiiruuf abdachiisoo ta’an yakka osoo hin qabaatin dhiigaa fi lafeen itti cabuun duguuggaan sanyii irratti raawwataa jira.

Baha Shaggar aanaa Booraa ganda Jirimee Booraa keessatti koreen ajjeechaaf bobbaafaman kunneen dargaggoota lama haala suukkanneessaan mummuranii ajjeesuu jiraattotni himan.

Dargaggoonni ajjeefaman kunneenis Tolaa Badhaasoo fi tokko maqaan isaa hanga gabaasni kun qindaa’etti kan nu hin qaqqabne yoo ta’u, dargaggoonni kunneenis mormaa fi harki isaanii irraa ciccituun akka ajjeefamanis himan.

Sareen mataa fi harka dargaggoota ciccitanii kanaa nyaattee erga quufteen booda Guyyaa kaleessaa Bitootessa 22, 2024 hawaasni bakkichaa ciccitaa isaanii kana walitti funaanuun akka awwaalanis dubbatu.

Akka jiraattotni kunneen jedhanitti haalli isaan dargaggoota kana ittiin ajjeesan hedduu kan nama gaddisiisuudha jechuun, aanicha keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo qabata godhachuun ajjeechaan suukkanneessaan guyyaa guyyaan adeemaa jiru uummaticha yaadessuu dabaluun ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version