ONM-ABO Bitootessa 13, 2024
Murni bilxiginnaa Oromiyaa dirree dhiigaa gochuun aduu dhiyee bari’u waraana naamusa hin qabne hawaasa nagaatti bobbaasee manneen hidhaatti galchuun boodarra mana hidhaatii baasee ajjeesuu aadaa godhachuun jabeessee itti fufee jira.
Haaluma kanaan aanaa Booraa fi Dugdaa keessatti ajjeechaawwan tibba kana namoota nagaa irratti raawwatame ONM jiraattotaa fi maddeen irraa qulqulleefateera.
Namoonni aanaa Booraa keessaa ajjeefaman Qorichoo Barraqaa Tolaa nama umurii 21 Ganda Mallimaa Barii irraa, Diittaa Ayyaanoo Doorii nama umurii 22 Ganda Goraa lamaan irraa, Siidaa Malkaa Guddataa nama umurii 19 ganda Eellan irraa, Diittaa Daalee nama umurii 23 ganda Eellan irraa, Aabbuu Badhaasoo nama umurii 31 ganda Eellan irraa abbaa ijjollee 5, Fayisaa Tujaaraa umurii 22 ganda Doddoo Wadaraa, Garoo Fayisoo Dagaagaa umurii umurii 45 ganda Doddoo Wadaraa irraa abbaa ijoollee 5, Bashaadaa Hayyee nama umurii 22 ganda Biitee Dhaabaa irraa, Dhaqqaboo Shaanqoo Malkaa nama umurii 23 ganda Biitee Dhaabaa irraa, Abaataa Jiboo Doorii nama umurii 17 ganda Jirimee Booraa irraa, Jimaa Nadhii Quufaa nama umurii 15 ganda Jirimee Booraa irraa, Geetachoo Kafanii nama umurii 70 ganda Jirimee Booraa fi Badhaadhaa Dagaagaa Roobaa nama umurii 49 abbaa ijoollee 5 ganda Jirimee Booraa keessaa warreen maqaan isaanii armaan olitti heerame kunneen namoota baatii tokkoo asitti hidhattoota sirnichaan ajjeefamaniidha.
Akkasumad godinichuma aanaa Dugdaa keessaa Qachaa Nagoo Guddataa abbaa ijoollee 4 ganda Daraaraa Daalachaa irraa, Irgaa Shaanqoo Nagaa nama umurii 45 abbaa ijoolle 6 ganda Waldaa Qallinaa irraa, Fayisaa Fittaalaa Elemoo nama umurii 30 abbaa ijoollee 4 ganda Shubii Gamoo fi Kurfaa Gurree Beellamoo ganda irraa Waldaa Qallinaa nama umurii 28 warreen kunneen badii tokko malee shiftaa nyaachistu jechuun mana hidhaatii yaasanii bifa sukkaneessaan ajjeefaman jechuun jiraattotni ONM’tti himaniiru.
Akka jiraattotni dabaluun ibsanitti namoonni ajjeefaman kunneen ji’a tokkoo asitti kan ajjeefaman yoo ta’u namoonni hedduunis aanota kanneen keessaa walitti qabamanii mana hidhichaa keessatti dararamaa jiraachuu ibsuun, manneen hidhaa aaanota kanneenii keessaayis namni guyyaa guyyaan mana hidhaa irraa baafamee osoo hin ajjeefamin hin oolus jedhan.

