Ministirri Dhimma Alaa Muusaaliyaa Mudaavaadiin Keeniyaan naannicha keessatti nagaa buusuuf falmachaa jirti jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Keeniyaa Muusaaliyaa Mudaavaadiin dhiheenya kana falmiin hedduun karaa dippilomaasiitiin furmaata argachaa jira jedhanii cimsanii dubbatanis hariiroon biyyattii fi ollaa ishee gidduu jiru hammaataa dhufuu isaa gabaafame haalaniiru.
Keeniyaan dhimma raabsa boba’aa Yugaandaa waliin qabdu kan hin xumuramne yoo ta’u, waldhabdee imala qilleensaa Taanzaaniyaa waliin ture torban darbe qofa furte.
Jalqaba baatii kanaa Sudaan ergamaa ishee gara biyyaatti kan waamte yoo ta’u, kunis erga Naayiroobiin hogganaa humna deeggarsa ariifataa gartokkee waraana Sudaan waliin waraana biyya keessaa irratti bobba’e Mohaammad Dagaloo keessummeessitee booda.
Ji’a Muddee keessas Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo gamtaan haaraan finciltoota Koongoo magaalaa guddoo Keeniyaatti erga ijaaramee booda Naayiroobii keessaa ambaasaaddara ishee baasteetti.
Haasaa Dilbata kaleessaa taasisaniin garuu Mr Mudavadi Keeniyaan nagaa naannichaaf falmuuf sarara duraa akka jirtu cimsanii dubbataniiru.
“Obboleewwan koo miidiyaa irratti, Keeniyaan ollaa ishee kamiyyuu waliin waraana keessa hin jirtu” jechuun dabalaniiru.

