Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti namni nagaan tokko waraana shiftaa Abiy Ahimediin ajjeefame

ONM-ABO Amajjii 22, 2023

Bara bulchiinsa Koloneel Abiy Ahimed keessa namni manaa ba’ee nagaan galuun ulfaataa ta’ee kan jiru yoo ta’u, namoonni hedduun maatii isaanii biraa fayyaa ba’aanii reeffi isaanii yeroo manatti deebi’utu mul’ata.

Amajjii 19, 2024 Baha Shaggar aanaa Fantaallee ganda Algee keessatti dhalataa Harargee lixaa aanaa Ancaar araddaa Digdamaa kan ta’e namni maqaan isaa Siraaj Mohaammad jedhamu obboleettiin isaa ganda sanatti heerumtee waan jirtuuf ishee dubbisuuf osoo gara sanatti imalaa jiruu milishoonni gandichaa qabuun humna waraanaa raayyaa ittisa impaayerattiitti dabarsanii kennuun ajjeesuu maddeen onichaa himan.

Hidhattootni kunneen obboleettii isaa bira geessuun rasaasa itti roobsanii ija ishee duratti ni sobda inni deeggaraa waraana bilisummaa Oromooti jechuun akka ajjeesanis himu.

Namni ajjeefame kun abbaa maatii yoo ta’u, akkuma namoota kamiiyyuu obboleettii isaa dubbisuuf kan deemee fi nama waa’ee Waraana bilisummaa Oromoo hin beekne ta’uus dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version