Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Fantaallee keessatti namni nagaan tokko hidhattoota sirnichaan ajjeefamuun, shamarree tokko achi buutee dhabamsiisan

ONM-ABO Amajjii 24, 2024

Murni qurxummii balleessuuf dursa galaana balleessuu qabna jechuudhaan WBO balleessuufis dura uummanni baduu qabaan dhaadachaa turan Oromiyaa bakkeewwan hedduutti uummata nagaa ajjeesuu hojii isaa isa hangafaa godhachuun duguuggaa sanyii raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan giddugaleessa Oromiyaa baha Shaggar ona Fantaallee araddaa Hujufee ganda Dirra Sadeen jedhamu keessatti jiraata onichaa kan ta’e nama maqaan isaa Ma’aadii Roobaa Tarree jedhamu abbaa ilmaan afurii gaafa Amajjii 21/2024 qabuun of bira bulchuun barii gaafa Amajjii 22/2024 iddoo Waraanni Bilisummaa Oromoo jiru nu geessi jechuun yoo gaafatan innis ani lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo jiru hin beeku waan jedhe qofaaf barii sa’a 11:00 irratti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattotni himan.

Akkasuma shamarree umurii 17 tan maqaan ishee nun dhaqqabiin takkaas wajjiin qabuun hanga ammaan tanaatti achi buuteen ishee hin argamin jiraachuu jiraattotni onichaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise miira gaddaatiin ifoomsanii jiru.

Exit mobile version