Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamni Galaana Diimaa ittisa Gamtaa Awurooppaa keessatti tarkaanfii ijoo fuulduratti tarkaanfate jette Xaaliyaaniin

ONM-ABO Amajjii 23, 2024

Ergamni waraanaa haaraan Awurooppaa Galaana Diimaa keessatti Xaaliyaan Faransaayii fi Jarmanii waliin tarkaanfachaa jirtu “tarkaanfii guddaa ittisa Awurooppaa dhugaa ta’uuf” ta’a jedhan ministirri haajaa alaa Xaaliyaanii Wiixata kaleessaa yaada kennaniin. Kunis erga biyyoonni sadan karoora isaanii Mana Maree Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa Biraaselsitti argamutti dhiyeessaniin booda.

Antooniyoo Tajaaniin xumura walga’ii kanaa irratti gaazexeessitootaaf akka himanitti, ministiroonni dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa ergama Galaana Diimaa keessatti yaadame kan dooniiwwan haleellaa Huutii Yaman irraa eeguuf kaayyeffateef yaada abdachiisa kennaniiru.

Itti dabaluudhaanis, Mana Maree Dhimma Alaa Gamtaa Awurooppaa itti aanutti hayyamni dhumaa ni eegama jedhan.

“Faransaayi fi Jarman waliin ta’uun ergama nageenyaa tiraafikaa galaanaaf wabii ta’uu danda’u irratti yaada dhiheessaa jirra” jedhan Tajaniin ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin.

Hojiin haaraan kun – kan ergama Emasoh/Agenor duraanuu Strait of Hormuz keessatti socho’aa jiru babal’isu – humna waraanaa fayyadamuus kan of keessaa qabu ta’uu ibsuun, garuu tarkaanfiin kun kaayyoo ittisaa qofaafi jedhan.

Sadaasa irraa eegalee Huutii Iraaniin deggaramuun dooniiwwan karaa bishaanii gara bo’oo Sa’uzii Masrii, daandii anniisaa fi fe’umsaa Eeshiyaa fi Baha Giddu Galeessaa irraa gara Awurooppaatti dhufuuf murteessaa ta’etti geessu irratti haleellaa kurnoota irratti raawwataniiru.

“Xaaliyaan gahee ishee ba’uuf qophiidha,” kan jedhan Tajaniin, ergama haaraa kana irratti paarlaamaan Xaaliyaaniif ibsi ni kennama jechuun, garuu sagaleen raggaasifamuuf paarlaamaa haaraa akka hin barbaanne qulqulleessaniiru jechuun Anadoluun kaleessa gabaaseera.

Exit mobile version