Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti namni tokko waraana faashistii PPn ajjeefamuun dhaga’aame

ONM-ABO Amajjii 24, 2024

Gochi gara jabeenyaa waraana naasuu ilmaan namaatiif hin qabneen Oromiyaa keessatti taasifamaa jiru yeroo ammaa kana jabaachuun ajjeechaan namoota nagaa irratti maqaalee adda addaatiin adeemsifamaa jiru jabaatee itti fufe jira.

Dhalataa godina lixa Wallaggaa aanaa Begii magaalaa Kobor kan ta’e nama maqaan isaa Duulaa Sichi’aa jedhamu baatii tokko dura humna milishaa leenji’uu qabda jechuun humnootni waraana faashistii PP qabuuf yeroo jedhanitti hojii loltummaatti hirmaachuu hin barbaadu jechuun jalaa dheessee gara naannoo Beenishaangul Gumuz magaalaa Baambaasitti akka imalee turetu himama.

Waraanni maafi’aa PP kunneenis sochii isaa hordofuun guyyaa 14 booda qabanii naannoo Asoosaa magaalaa Baambasiitti guyyoota 14f hidhanii dararaa erga turaniin boodas guyyaa dheengaddaa Amajjii 22, 2024 mana hidhaatii baasuun lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Qeelaa Daabbus jedhamutti guyyaa keessaa naannoo sa’a 7:00tti akka ajjeesan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Obbo Duulaan abbaa ilmaan 2 akka ta’eefi irra deddeebiin maqaa Obboleessi kee miseensa WBOti jedhuun doorsisni garaagaraa irratti taasifama akka ture kan himamuu Fi umurii ganna 30tti loltoota PP kanaanis ajjeefamuun isaa beekameera.

Exit mobile version