Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti dargaggoon tokko loltoota faashistii PPn hidhamuun dhaga’ame 

ONM-ABO Amajjii 17, 2026 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti haala nageenyaa fi mirga lammiilee ilaalchisee sarbama uummataaf gaaffii kan kaasu jiraataan aanaa Mana Sibuu, ganda Guunfii, maqaan isaa Waaqgaarii Qinaatii jedhamu, Kibxata gaafa Amajjii 13, 2026 ganda Guunfii irraa gara magaalaa aanaa Mandii deemaa osoo jiruu qabamuu isaa jiraattonni naannoo mirkaneessan.

Akka odeeffannoo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa argateetti, Waaqgaarii Qinaatiin erga qabamee booda bulchiinsa aanaa Mana Sibuu jalatti hidhamuun to’annaa jala akka oole himameera. Sababni qabamuu isaa akka ibsa jiraattonni jedhanitti, badii isaa malee hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) qaba jechuun shakkamee ta’uu dubbatu.

Ta’us, hanga ammaatti himannaan kun ragaa ifa ta’een deggaramee akka hin dhiyaanne, akkasumas qaamni Bilxiginnaa dhimmicha irratti ibsa bal’aa akka hin kennine odeeffanneera. Maatiin Waaqgaarii Qinaatii fi namoonni isatti dhihoo jiran, qabamuu isaa irratti yaaddoo guddaa akka qaban ibsanii, seeraa fi murtii haqaa akka argatu gaafachaa jiru.

Dabalataanis, Waaqgaariin erga qabamee booda mana murtiitti dhiyaatee yookaan abukaatoo argatee jiraachuu isaa irratti odeeffannoon ifaan hin argamne. Kunis, mirga shakkamtoota seera jalatti mirkanaa’an ilaalchisee gaaffii kaaseera.

Naannoo Mana Sibuu fi aanaalee ollaa keessatti, yeroo darban keessa qabamuu fi hidhamuu lammiilee irratti himannaan nageenyaan wal qabatu dabalaa dhufuu isaa jiraattonni naannoo dubbatu. Haalli kun immoo hawaasa keessatti sodaa fi shakkii akka uumu ta’eera.

Exit mobile version