ONM- ABO Amajjii 26, 2024
Bilxiginnaan yeroo garaa garaatti uummata Oromoo fi WBO wal jibbisiisuuf ajandaa adda addaa sobanii bocanii dokimeentii gocha WBO hin ibsne uummata wal gahii baasuun kana WBOtu akkas godhe, jedhanii burjaajii uumuuf halkanii guyyaa irratti hojjechaa jiru.
Sirni lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dadhabe kun gara ololaatti deebi’uun akka waan uummanni Oromoo waa hin beeknee wayitti fudhachuun uummata goyyoomsuuf yaalaa jiru.
Guyyaa dheengaddaa jechuun Amajjii 24, 2024 Arsii bahaa aanaa Shanan Kooluu magaalaa Dhummuugaa keessatti murni bilxiginnaa uummata mana mana irra deemun, akkasuma iddoo dalagaa isaanii fi buufata konkolaataa hanga mana amantiitii dirqiin uummata walitti qabuu jiraatan ONM dubbise tokko taate gaafichaa hima.
Erga namoota kana walitti qabaniin booda dookumentarii sobaa qopheeffatan sana viidiyoon hawaasatti agarsiisuu jalqaban jedha.
Dookumentariin isaan hojjetan kun goonkumaa gocha WBO kan hin taanee fi yeroo bara TPLF keessa illee haala sanaan uummatatti agarsifamaa akka ture dubbachun achuma irratti wixinee xinnoo tokko itti dabaluun WBOn akkas godha jedhanii uummatatti agarsiisaa akka turan dubbata.
Hawaasni achitti walitti qabame kunis dookumentarichi soba ta’uu isaa waan beekuf yoo dubbatan deggaraa WBOti jedhanii ajjeesu waan ta’eef filannoon isaanii callisanii ilaaluu akka ta’es dabaluun hima.
Itti dabaluunis murni bilxiginnaa kufaatiif qarree irra marmaaraa jiru kun yeroon kufaatii isaa waan dhihaateef dookumentarii sobaa yeroo gara garaatti hojjechuun isaa uummataaf WBO wal jibbisiisuun bu’aa siyaasaa keessaa argachuuf akka ta’e himuun uummanni Oromoo burjaajii sinichaan akka hin burjaajoofnes himeera.

