ONM-ABO Adoolessa 24, 2025
Ergamtoonni teessoo nam-tokkee tiksuuf jecha kutaalee Oromiyaa mara keessatti xiqqaa fi guddaa osoo gargar hin qoodin duguuggaa sanyii hawaasa nagaa irratti raawwataa jiran hammeessuun, Adoolessa 22, 2025 aanaa Shanan Kooluu ganda Laaftoo Rifeensoo iddoo addaa Gorannoo keessatti sababa WBO’n tarkaanfii irratti fudhateef haaloo ba’uuf qonnaan bultoota nagaa ooyiruu isaanii keessatti ajjeesanii bakkeetti gatanii deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeran.
Namootni kunneen maqaan isaanii:
- Abdallaa Amiin fi
- Ibroo Elemoo
kanneen jedhaman ta’uu fi namoota jireenya isaanii gaggeeffachuun alatti yakka isaan ajjeesisu osoo hin qabaatin kan ajjeefaman yoo ta’u, loltootni impaayerattii lolaan Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu yeroo dadhaban uummata nagaatti deebi’uun dararuu fi ajjeesuu akka ciminaatti ilaalaa kan jiran ta’uu jiraattotni dabaluun gabaasan.
Gochootni hamminaa murni Bilxiginnaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru kun diinummaa hamaa nuuf qabaachuu sirnichaa mul’isa kan jedhan jiraattotni aanichaa, uummatni Oromoo bakka cufaa tokkummaan ka’ee sirna garboomsaa kana of irraa kuffisuu qaba jechuun dhaamsa dhaammatanii jiru.
