Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluu keessatti loltoonni Bilxiginnaa haadha ilmaan 6 ajjeesan

ONM-ABO Fulbaana 22, 2025 

Ergamtootni Bilxiginnaa kutaalee Oromiyaa hunda keessatti duguuggaa sanyii hawaasa nagaa irratti raawwachaa jiran jabeessuun, Fulbaana 19, 2025 haadha ilmaan 6 kan taate Aadde Haliimaa Matoo Odaa kan jedhamtu loltoonni Bilxiginnaa osoo isheen magaalaa Machaaraa deemtee aanaa Shanan Kooluutti galuuf deemtuu aanaa Daaroo Labuu keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii daandii irratti gatuu jiraattonni aanichaa ibsaniiru.

Harmeen kun dhalattuu godina Lixa Harargee aanaa Hancaar araddaa Odaa Gurraachaa yoo taatu, yeroo ammaa aanaa Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee keessa kan jiraattu ta’uu fi loltootni kunneen gaaffii tokko osoo hin gaafatin ganda ishee qofa gaafatanii ajjeessanii jiraachuu jiraattotni ifoomsaniiru. 

Harmeen kun nama ijoollee ishee guddifachuu fi halkanii fi guyyaa dhamaatu yoo taatu, ijoolleen isheen qabdu 6’n kun daa’imman xixiqqoo of hin dandeenye ta’uu fi osoo isheen maaloo ijoollee xixiqqoon qabaa na hin ajjeesinaa adaraa garaa dhalaa jettee kadhattuu gara jabeeyyiin loltoota Bilxiginnaa gara laafina tokko malee akka ajjeessan jiraattotni itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version