ONM-ABO Muddee 7, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee iddoo addaa Waraaboo jedhamu keessatti gaafa Muddee 5, 2025 loltoonni Bilxiginnaa dubartoota iddoo hojii isaaniitii galan 2 karaa irratti qabuun afaan qawween sodaachisanii gudeeduu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Dubartoonni kunneen haadholii ijoollee qaban yommuu ta’an osoo isaan boo’anii kadhatanii dirqiin yoo diddan isin ajjeesna jechuun sodaachisanii gocha aadaa fi safuu Oromoo cabsu kana irratti raawwachuun yoo himattanis isin ajjeefna jechuun doorsisaa akka turan jiraattonni itti dabaluun ibsaniiru.
Loltoonni kunneen yeroo dheeraaf lafa kana irra qubachuun yeroo garaa garaatti uummata reebuu, qabeenya isaanii saamuu fi namoota hidhaa kan jiran yoo ta’u, nyaataa fi dhugaatiis hawaasa gaafachuun uummata hiraarsaa kan jiran ta’uu fi yeroo nyaataa fi dhugaatii kana fayyadamuuf mana seenanittis dubartoota dararaa kan jiran ta’uun ifoomeera.
Shiftoonni Abiy Ahimed qawwee hidhachiisuun hawaasa keessa bobbaase uummata meesha maleessa afaan qawween dirqamsiisanii gochawwan aadaa fi safuu hawaasichaa cabsu irratti raawwachaa kan jiranta’uunni beekama.

