ONM-ABO Fulbaana 19, 2025
Roobii darbe Fulbaana 17, 2025 aanaa Shanan Kooluu ganda Cabbii Qaammee keessatti abbaa maatii kan ta’e namni maqaan isaa Obbo Mahaammad Amiin jedhamu loltoota Bilxiginnaan ajjeefamuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Obbo Mahaammad nama yakka dalage osoo hin taane sababa inni Oromoo ta’e qofaaf loltoonni kunneen gaaffii tokko osoo hin gaafatin rasaasa itti roobsanii ajjeesanii deemuu jiraattonni dabalataan himaniiru.
Namni kun maatii isaa jiraachifachuuf halkanii fi guyyaa hojjechuun kan tattaafatu ta’uu fi nama hawaasa keessatti jaallatamummaa guddaa qabu yoo ta’u, yeroo hedduu Oromummaa isaaf yakkamee murna Bilxiginnaa kanaan tuttuqamaa turuus gabaasaan nu qaqqabe ni addeessa.
Ittuma fufuun ganda kana keessatti loltoonni kunneen yeroo magaalaa irraa bobba’anii gandicha dhufan hawaasa reebuu fi qabeenya isaanii saamuun hawaasa harka duwwaatti hambisaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasaniiru.

