Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluu keessatti waraanni Bilxiginnaa qonnaan bulaa tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan

ONM-ABO Amajjii 25, 2025 

Guyyaa guyyaan dhiiga qulqulluu dhangalaasuun qe’ee ilmaan Oromootti gadda uwwisaa kan oolu Bilxiginnaan gochoota hammeenyaa isaa kana ittuma fufuun guutuu Oromiyaa keessatti goolessitoota waraana isaa uummatatti duulchisuun gadda manneen hawaasaatti uwwisaa oola.

Amajjii 18, 2025 ergamtootni PP Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu keessatti qotee bulaa maqaan isaa Mahaammad Jooraa jedhamu halkan keessaa sa’a 3:37 irratti bakka ooyiruu isaatti itti dhaquun gaaffii tokko malee Oromummaa isaa qofaaf yakkuun rasaasa itti roobsanii ajjeesanii gatuu maddeen ONM’f eeranii jiru.

Akka maddeen jedhanitti namni kun nama nagaa siyaasa kam irraa walaba ta’ee fi hojii qonnaa qofa irratti bobba’uun maatii isaa jiraachisu ta’uu himuun, gochaa fokkisaa Bilxiginnaan yeroo ammaa Oromiyaa guutuu keessatti raawwachaa jirtu kun haala kanaan itti fufnaan ba’anii galuun yaaddessaa akka ta’e jiraattotni itti dabaluun eeran.

Exit mobile version