Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluu keessatti jaleewwan Bilxiginnaa jiraattota hidhuu cimsanii itti fufan 

ONM-ABO Fulbaana 5, 2025 

Kufaatii siyaas-dinagdee keessatti danqamee furmaata kan dhabe mootummaan abbaa irree Bilxiginnaan loltoota isaa kumaatamaan goleewwan Oromiyaa cufa keessatti bobbaasuun hawaasa nagaatti maqaa adda addaa maxxansuun dararaa ulfaataa irratti raawwachaa jira. 

Akka kanaanis godina Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu magaalaa Dhummuugaa jedhamu keessatti ergamtoonni faashistii PP Fulbaana 1, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Turaa Hamdaa, 
  2. Awwal Yusuuf,
  3. Guutish Adam Gullaa fi
  4. Ammaddin Ahimad Ammee 

jedhaman badii tokko malee ukkaamsanii hidhaatti darbachuun dararaa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Qonnaan bultoonni kunneen, tuttuqqaa dhaaba siyaasaa kam irraa bilisa kan ta’an yoo ta’u, lukkeeleen sirnichaa immoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo” qabdu jedhu itti maxxansuun yakka tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti dararaan ergamtoota sirnichaan jiraattota irratti raawwatamu kan duraa caalaa jabaatee itti fufee jiraachuun ifoomee jira.

Exit mobile version