Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Arsii Bahaa Aanaa Shanan Kooluu irraa hawaasni gara Godinaalee Harargee akka hin deemneef humnoota faashistii PP’n daangeffamaa jiraachuu fi loogiin sabummaas mul’achaa jiraachuun dhaga’ame 

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu irraa namoonni gara Lixa Harargeetti akka hin dabarreef waraana garboomfataa PP’n ugguramaa akka jirantu himama.

Taateen kunis Dilbata darbe irraa eegalee itti fufee kan jiru yoo ta’u, hawaasni wal keessa deemuun wal irraa bitee waliin jiraatus humnoota murni faashistii PP bobbaasaa jiruun danqamaa akka jiran addeeffameera.

Gama biraatiinis aanaadhuma Shanan kooluu ganda Tulluu fi  Laaftoo keessatti uummanni Amaaraa murna faashistii PP waliin ijaaramee maatii isaa gara kallattii magaalota adda addaatti godaansisee uummata Oromoo irratti dhiibbaa hawaasummaa kan sanyummaa irratti hundaa’e gochaa akka jirus itti dabaluun eeranii jiru.

Uummanni finxaaleeyyii Amaaraa naannoo kana keessa jiraatan kunneen maatii isaanii erga gara magaalaatti godaansisanii booda qaamolee murna Bilxiginnaa kanneen dameelee garaa garaa irra jiran waliin walii galtee uumanii uummata Oromoo irratti shira hojjechaa akka jiranis jiraattoonni itti dabaluun dubbatu.

Akka jiraattonni ONM onicha irraa dubbise himanitti qaamni Bilxiginnaa uummata Amaaraatiif deggarsa kennaa jiru kun bulchaa aanaa Shanan Kooluu, bulchaa bulchiinsaa fi nageenyaa, damee siyaasaa  paartii Badhaadhinaa aanichaa akka ta’an barameera.

Isaan kunis:

  1. Taajuu Abdulqaadir,
  2. Abdulmannaan  fi 
  3. Gaaddisaa kanneen jedhaman akka ta’es ifoomsaniiru.
Exit mobile version