Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Balee Gasgaaritti kaadiroonni PP dararaa fi saamicha yoo hammeessan, Aanaa Shanan Kooluutti hidhaan jabaate

ONM-ABO Gurraandhala 8, 2025 

Godina Arsii Bahaa aanaa Balee Gasgaar gandoota mara keessatti kaadiroonni murna Bilxiginnaa fi waraanni sirnichaa waliin ta’uun uummata aanichaa saamaa jiraachuun kan beekamu yoo ta’u, kaadiroonni Bilxiginnaa kunneen uummata aanichaa hunda afaan qawween dirqisiisuun “Galaa Waraanaa fidaa” jechuudhaan nama tokko irraa midhaan Kg 10  fuudhaa jiraachuun dhaga’amee jira.

Akka maddeen keenya Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanitti, Kaadiroonni Bilxiginnaa kunneen uummata dirqisiisanii saamuudhaan, nama of harkaa hin qabne ammoo gara mana hidhaatti geessaa jiraachuun kan beekamu ogguu ta’u, keessumaa gandoota lama kan akka Koshimoo fi Dimdim keessatti bifa addaan guyyaa lamaan kana saamichaa fi dararaa irratti hammeessuun, hiyyeessi midhaan hin qabne illee gabaa irraa bitee akka dhiheessuuf dirqamsiisaa jiraachuu ONM’tti himaniiru.

Oduu hidhaatiin ammoo aanaa Shanan Kooluu araddaa Tulluu Qaraaruu jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun namoota maqaan isaanii:

  1. Abdii Ahimad,
  2. Sadam Ibraahim,
  3. Gaaddisaa Yaayyaa,
  4. Shittoo Mohaammad,
  5. Gaaddisee Ahimadii fi 

kanneen biroo hedduu torbee darbe keessa ukkaamsanii waajjira poolisii aanichaatti hidhanii dararaa hamaa irraan ga’aa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Exit mobile version