Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti reebichaa fi hidhaan jiraattotatti hammaachuun beekame

ONM-ABO Amajjii 30, 2024

Baha Oromiyaa Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo keessatti miidhaan uummata nagaa irratti gaggeeffamaa jiru hammaachuun, aanichuma bulchiinsa magaalaa Jaajaa ganda Bookee jedhamtu keessatti milishootni sirnichaa nama Mohaammad Abdallaa Saalii jedhamu gaafa Amajjii 28, 2024 halkan toora sa’a 5’tti qe’ee isaatti itti dhaquun reebicha guddaa irratti raawwatanii miidhaa cimaa irraan ga’uun namoota birmannaaf dhaqan irratti qawwee dhukaasuun bakkasii ariyuun himame.

Dabalataanis guyyuma kana dargaggoo maqaan isaa Mohaammad Jamaal Muummee jedhamu tumuun mataa baqaqasanii kan deemuun, nama Diinee abdurazaaq jedhamus bifuma walfakkaatuun qe’ee isaa keessatti reebicha ulfaataa irratti kan raawwatan yoo ta’u, aanicha keessatti sababa tokko malee milishootni PP reebichaan jiraattota hiraarsaa jiraachuun dubbatame.

Aanichuma keessatti naamootni maqaan isaanii Abdallaa Saalii, Kadiir Muummee, Abdii Hamiidoo, Hasan Mohaammad , Abdii Mohaammad Hasan, Fi Kaanneen maqaan nu geenye biroon mana hidhaatti darbatamuun dararamaa jiraachuun kan beekame yoo ta’u, abbaa gandaa Mohaammed Mikaa’el jedhamu, milishootni Ibsaa Dhooqaa, Aliyyii Jamaal fi gareen isaanii namoota hawwaasa nagaa dararaa jiran ta’uun dubbatame.

Exit mobile version