Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu keessatti Dargaggoon tokko waraana faashistii PPn ajjeefamuun himame

ONM-ABO Amajjii 31, 2024

Waraanni naamusaa fi sansakkaa waraanummaa hin qabne hawaasa nagaatti koloneel Abiy Ahimeediin bobbaafamun Oromiyaa dachee dhiigaa godhuun haadhi ilmaan ishee nagaan manaa ba’aan nagaan naaf galuun osoo eegduu qara ilaalaa hafaa jirti.

Akkuma kanaanis Amajjii 26, 2024 godina lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Buukee Innikkaa jedhamutti dargaggoo maqaan isaa Zalaalem Bari’oo Jedhamu qabuun gara ganda Gomboo Qilxuu jaalee jedhamuutti geessuun yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuun beekameera.

Jiraattota aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii fi gandoota baadiyyaa adda addaa keessa jiraatan irratti waraanni gabroomsaa PP labsii ajjeesuu fudhatee bobba’aa jiru, namoota nagaa ajjeesuu, qabeenyaa saamuu fi hidhaatiin goolumsa uumee jiraattota hiraarsaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version