ONM-ABO Guraandhala 5, 2024
Erga Labsiin Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaan Jimaata darbe sa’a 12:00 irratti xumuramuun hawaasni Sanbata irraa kaasee hojii idilee isaaniitti deebi’uu danda’u jedhamee asi, murni bilxiginnaa magaalaa Naqamtee keessatti hawasa ugguree jira.
Magaalaa Naqamtee keessatti manneen caasaa sirnichaan samsamaan hojiitti hin deebitan jechuun daldala isaanii irraa dhorkanii jiru.
Konkolaattotaa fi konkolaachistootas hidhanii kan jiran yoo ta’u konkolaataa Finfinnee irraa dhaqu, daandii Gimbii irraa dhaquu fi Sibuu Siree irraa dhaqu qofaaf eyyamanii hojjechiisaa jiru.
Magaalaa Naqamtee bakka Diddaan Uummataa hammaate keessatti, caasaan sirnichaa addatti haaloo irratti ba’aa jira.
Hidhaa, doorsisni fi saamichi maqaa Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaan baha Wallaggaa keessatti geggeeffamu jabaatee kan jiru yoo ta’u, gochi seermaleen murna abbaa irree bilxiginnaan geggeeffamu kun aanaa Diggaa magaalaa Guddattuu Arjoo fi Guutoo Guddaa magaalota akka Ukkee keessatti itti fufee jira.
Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessattis namootni sababa ugguraa kanaan hidhaman hanga ammaa kan hin gadhiifamne yoo ta’u, aanaa Loomee magaalaa Qoqaa keessattis hanga guyyaa har’a konkolaattotaa qabanii hidhaa fi maallaqa hanga 30,000 adabaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

