ONM-ABO Guraandhala 7, 2024
Sa’uudii Arabiyaan hanga mootummaan Falasxiin walaba ta’e “beekamtii” argatutti Israa’el waliin hariiroo akka hin uumne Waashingitanitti himuu ministeerri haajaa alaa mootummaa Sa’uudii ibsa Roobii har’aa baaseen beeksiseera
“Mootummaan kun daangaa bara 1967 Yerusaalem Bahaa magaalaa guddoo ishee ta’ee jiru irratti mootummaan walaba ta’e ijaaramutti Israa’el waliin hariiroon dippilomaasii akka hin jirre ejjennoo cimaa bulchiinsa Ameerikaaf beeksisteetti” jechuun ibsi seeraa qabeessaa Dhaabbata Pireesii Sa’uudii maxxansee dubbisiiseera .
”Weerarri” Israa’el Gaazaa keessattis dhaabbachuu qaba, humnoonni Israa’el hundi naannoo marfame keessaa bahuu qabu jedha ibsichi.
Ibsi Roobii har’aa kun yaada dubbi himaan Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Waayit Haawus Joon Kirbii Kibxata kaleessaa gaazexeessitootaaf kennaniin mariin Sa’uudii fi Israa’el idileessuu irratti taasifamu “itti fufee jira” jechuun Waashingitan “yaada gaarii gama lachuu irraa fedhii qaban argatteetti” jechuun mariin akka itti fufu dubbataniin booda.
Daawwannaa muddama naannicha keessatti taasisaniin, Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antony Blinken torban kana Sa’uudii Arabiyaa daawwachuun Masrii, Kaataar fi sana booda Israa’el keessatti daawwannaa xumuruu isaaniin dura, waraana Israa’el fi Hamaas gidduutti waliigaltee waraana dhaabuuf dhiibbaa gochaa jiru.
Kibxata kaleessaa Blinken Dohaatti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin akka jedhanitti, mootiin gonfoo Sa’uudii Mohaammad Bin Salmaan walgahii isaanii Riyaaditti taasisaniin “fedhii cimaa Sa’uudii Arabiyaan hariiroo tolchuu hordofuuf qabdu” irra deebi’anii dubbataniiru.
Garuu waan kanaan dura natti himellee ifa godheera, innis sana gochuuf waan lama akka barbaachisu – waldhabdeen Gaazaa xumuramuu, daandii ifa ta’ee fi amanamaa yeroon murtaa’e mootummaa Falasxiin hundeessuuf ,” jedhe Blinken.
Waashingitanitti ambaasaaddarri Sa’uudii Giiftii Reemaa bint Baandaar Al Sa’uud ji’a darbe Waltajjii Diinagdee Addunyaa irratti akka himanitti, karaan “hin deebine” gara mootummaa Falasxiin uumuutti geessu malee,hariiroo Israa’el waliin idileessuun hin danda’amu jechuu ishee gabaasa AFP irraa argateen Gulf News addeeesseera.

