ONM-ABO Ebla 12, 2025
Sa’uudii Arabiyaan Jimaata kaleessaa gargaarsi dhaabbataan lammiilee Falasxiin Gaazaa keessa jiraanuuf akka dhiyaatuuf dhiibbaa guddaan Israa’el irratti akka ta’u yoo gaafattu, kunis kan dhaga’ame, erga Israa’el dhiyeessii namoomaa murteessaa ta’e Gaazaa akka hin seennef uggura keesseen booda.
Ministirri Dhimma Alaa Fayisal Bin Farhan, Kibba Turkii keessatti gita naannoo waliin walgahii erga taasisaniin booda, “Gargaarsa itti fufiinsa qabuu fi gahaa ta’e akka ta’u gochuuf dhiibbaa guddaan akka raawwatu nan gaafadha jedhan.
Jiraattonni Gaazaa kuma dhibbaan lakkaa’aman torban darbe keessa madda bishaan qulqulluu tokkitti qaban kan dhaban yoo ta’u, kunis erga dhiyeessiin bishaanii Israa’el irraa dhufu weerara waraana Israa’el haaromfameen muramee booda akka ta’e aangawoonni bulchiinsa magaalaa naannoo sanaa himaniiru jechuun AFP fi Rooyiters gabaasaniiru.

